top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Galaana Meediteraaniyaa irratti Baqattoonni 5 du'uun 750 kan tahan ammoo baraaraman

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Jan 14, 2017
  • 1 min read

Baqattoonni 755 tahan dooniiwwan 6 irratti fe'amanii Liibiyaa irraa gara daangaa Xaaliyaaniitti galaana Meediteraaniyaa irraan qaxxaamuraa osoo jiran, rakkoon doonii isaanii mudatuu gareewwan Ittisa balaa bishaanii dhaqqabuudhaan lubbuu namoota 750 baraaruun, namoonni 5 immoo du'uu waardiyoonni daangaa Xaaliyaan miidiyaaleef himan.


Akka dubbii himaan Waardiyaa daangaa Xaaliyaan jedhutti

"Saa'aa 24 dura dooniiwwan 6 kan baqattoota 755 tahan fe'attee jidduu galaana Meediteraaniyaatti daddaaqaa turee, gareewwan Ittisaa balaa wajjiin tahuun namoota 750 kan tahan baraaruun namoonni 5 immoo balaa kanaan lubbuun isaanii darbuu, akkasumas lammummaa namoota du'anii adda baafatuu hin dandeenye" jedha.


Waggaa dabre (2016) qofa baqatoonni 181,000 irraa hedduun isaanii baqattoota ardii Afrikaa irraa tahan galaana Meediteraaniyaa irraan daangaa Xaaliyaan kan seenan tahuu gabaasni mootummaa Xaaliyaan irraa bahe ni agarsiisa.


Barri 2016 waggaa lakkoofsi baqattoota galaana meediteraaniyaa irratti du'anii guddaan itti galmaa'e yoo tahu, bara 2016 baqattoonni 5,000 olii lubbuun isaanii galaana Meediteraaniyaa irratti darbuu dhaabbanni baqattoota addunyaa IOM gabaaseera.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page