Ameerikaan Qoqqobbii diinagdee waggaa 20 dura Suudaan irra keessee turte kan irraa kaastu tahuu ibsi
- NuuralHudaa
- Jan 13, 2017
- 1 min read

Ameerikaan waggaa 20 dura shororkeesitoota deeggarti jechuun Mootummaa Suudaan irra qoqqobbii diinagdee fi daldalaa keessee turte. Aangawoonni Ameerikaa jimaata hardhaa qoqqobbii kana irraa kaasuuf tahuu ibsaniiru.
Biyyattiin shororkeessummaa balleessuuf yaalii guddaa godhaa jirti sababa jedhuun qoqqobbiin kun kan irraa kaafame tahuu bbc'n gabaaseera.
Pirezedaantiin Ameerikaa Baaraak Obamaan torbee dhufu keessa aangoo lakkisuun pirezedaantii haarawa filatametti kan kennuuf deemu yoo tahu, osoo aangoo dabarsee hin kennin duratti qunnamtii Suudaan waliin qaban fooyyeffachuuf fedhii kan qaban tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Ministeerri Dhimma alaa Ameerikaa John Keeriin yeroo adda addaatti ministeera dhimma alaa Suudaan waliin walqunnamuun waa’ee qoqqobbii kana irratti kan mari’ataa turan tahuu AFP gabaaseera.
Ameerikaan qoqqobbii diinagdee biyyatti irra keesse irraa kaastus maqaan biyyattiin sadarkaa mootummaatti shororkeessitoota ni deeggarti jedhamee galmee gurraacha(Black list) irratti galmaa'e kan irraa hin haqamne tahuu beekameera.
留言