top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Magaalaa Goondaritti namni tokko ajjeefamee, namoonni 19 miidhaman.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Jan 11, 2017
  • 1 min read

Boombii naannoo Amaaraa magaalaa Goondaritti kaleessa galgala hoteela keessatti darbameen lubbuun nama tokko kan dabree fi yoo xiqqaate namoonni 19 miidhamuu BBC Africa gabaase.


Balaa kana qaamni raawwate hanga ammaatti wanti beekame kan hin jirre yoo tahu, garuu fincila naannicha tureen walqabatee poolisoota mootummaatiin walitti hidhata qaba shakkiin jedhu jiraatuu odeeffannoon ni addeessa. Torbe dabre keessas naannuuma Amaaraa magaalaa Bahiir Daarittis raawwatamuun gabaafamera.


Dhiheenya kana muummichi ministeera biyyattii labsiin yeroo muddamaa labsame fincila naannoo Oromiyaa fi Amaaraatti waggaa guutuu geggeeffamaa ture kan tasgabbeesse fi akkasumas diinagdee fi siyaasaa biyyatti irratti miidhaa tokko kan hin dhaqqabsiisne tahuu dubbate.


Gabaasni gareewwan mirga dhala namaatiif dhabbannee jedhan irraa yeroo adda addaatti bahaa ture, Fincila guutuu biyyaatti bara 2015 ka’een wal qabatee lammiiwwan kumaatamaan lakkaa'aman waraana mootummaatiin ajjeefamuu fi hidhamaa jiraatuu ibseera.


תגובות


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page