Maatii Muslimaa ijoollee isaanii dhiiraa wajjiin bishaan daakuu dhoorkan irratti badiin murame
- Odeeyfannoo
- Jan 11, 2017
- 2 min read

Addunyaan qajeela Islaamummaa irratti waraana eega bantee turtee jirti. Keessattuu warri Awrooppaa islaamummaa balleessuu dalagaa godhatanii ganamaa galgala hojjachaa jiru. Amma dura akkuma isiniif gabaasaa turre, biyyoota garagaraa keessatti Niqaabni dhoorkamee jira. Biyyoota tokko tokko keessatti ammoo dubartoonni muslimaa maaliif, dhiira harka hin fuune jedhamuudhaan baruumsa irraa ari’amanii jiran. Kan ammaa ammoo daran sanuu caala.
Biyya barattoota walitti maktee fasaada baay’isuuf karoorfataa jirtu keessaa takka kan taate Iswiizarlaand, barattootni dhiiraa fi shamaraa walitti makamanii bishaan daakuu barachuu akka qaban seera dirqamsiisu baastee jirti. Seera kana mormuun dhoorkaadha. Haa ta’u malee Muslimoonni lama, seerri kun mirga Amanitii keenyaa waan dhiibuuf, ijoollee teenya bakka kanatti hin erginu jedhanii morman. Mootummaanis dhimma kana mana murtiitti dhiheessee. Kana booda Manni murtichaas, ‘Shamarranii fi Dhiirri walitti makamanii bishaan wajji daakuu qabu’ seera jedhu deeggaruudhaan, namoota musliimaa san irratti badii muree jira.
Wal falmiin kun bara 2010tti kan jalqabe yoo ta’u, falmii Maatii Muslimaa fi mootummaa Iswiizarlaand jiddutti godhameen, Maatiin Muslimaa ijoollee keessan seeraan guddisuu dadhabdanii jirtan sababa jedhuun, adabbiin Doolaara 1380 irratti muramee jira. Maatiin muslimaa kun, murteen amma nurratti murame, seera mirga amantii kan keeyyata 9 irratti ibsame morma jedhanii yaada ofii dhiheeffatanis, Warri Islaamummaa balleessuuf socho’aa jiran garuu, sababa biraa dhiheessanii, waraana Islaamummaa irratti banan daran jabeeffatanii jiru.
Mee wantootuma dhiheenya kana Awurooppaa keessatti deemaa jiru haa ilaallu
Iswiizarlaand Maatiin muslimaa kan shamarran isaanii dhiira akka harka hin fuune dhoorkan, akka lammummaa biyyatti hin arganne dhoorkitee jirti
Biyyummaan tun bara dabre nama lammii Boosniyaa ta’e tokko irratti, intalli isaa warra dhiiraa wajjiin akka hin daakne dhoorkuu isaatiin adabbiin maallaqaa irratti muramee jira
Bara 2013 Biyya Jaramanittis, shamarran Burkinii (uffata bishaaniin daakan, kan qaama guutuu uffisu) uffachuudhaan warra dhiiraa wajjiin daakuu qabu seera jedhu baastee jirti.
Faransaay ammoo Shamarran Muslimaa Burkinii uffatanii daakuu seera dhoorku baastee jirti. Akkuma warra kaanii uffata bishaan ittiin daakaniin daakuu qabu jette
Beeljiyam, faransaay fi Neezarlaand dubartoonni Muslimaa Niqaaba akka hin uffanne dhoorkanii jiru.
Rakkoon kun if duras daran hammaatee itti fuufuun isaa waan hafa hin qabne.
Hasbiyallaahu Wani’mal Wakiil
********
NuuralHudaa
Comments