top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Haleellaa boombii Afghaanstaan keessatti raawwatameen diplomaatonni Dubaay( UAE) 5 ajjeefaman.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Jan 11, 2017
  • 1 min read

Haleellaa guyyaa kaleessaa Afghaanistaan magaalaa Kandahar keessatti raawwatameen lubbuun namoota 11 kan darbe yoo tahu, namoota kanniin jidduu immoo isaan 5 diploomaatota Dubaay (UAE) tahuu isaanii odeeffannoon ni addeessa.

Dhaabbanni oduu Emireetii akka gabaasetti namoonni lubbuun isaanii darbe kunniin namoota gargaarsaa, barnootaa fi pirojektii misoomaaf ergaman tahu gabaase.


Muummichi ministeera UAE Sheekh Muhammad bin Rashiid Al Maktuum gama twitter isaa irraan “namoota gargaarsaaf deeman irratti ajjeechaan bifa kanaa raawwatamuun akka amantaa fi namummaattis safuu guddaadha” jechuun barreese.


Mootummaan UAE gadda lammiiwwan ajjeefamanii kanaan guyyaa 3 guutuu biyyattiitti alaabaan biyyattii gad bu’uun akka fannifamu labse.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page