Duraan baqataa Sumaaliyaa kan ture amma Ministeera Dhimma godaansaa Kanaadaa tahuun muudame.
- NuuralHudaa
- Jan 11, 2017
- 1 min read

Muummichi ministeera Kanaadaa Justin Trudeau baqataa dhalootaan Sumaaliyaa kan amma lammummaa Kanaadaa qabu Ahmad Husseen ministeera godaansa, baqataa fi dhimma lammummaa godhuun muude.
Obboo Husseen nama dhalootaan Sumaaliyaa kan yeroo jalqabaatiif miseensa paarlaamaa Kanaadaa tahuun waggaa tokko dura filatame yoo tahu, amma ammoo nama dhaloota Sumaaliyaa kan yeroo jalqabaatiif Kanaadaa keessatti ministeera tahuun aangeeffame tahuun beekameera.
Waggaa 20 dura isaa umrii 16 Sumaaliyaa magaalaa Moqaadishoo irraa baqattummaan Kanaadaa kan qubate yoo tahu, nama karoora biyyattiin baqattoota biyyoota adda addaa qubsiisuuf qabdu adda durummaan deeggaru keessaa tokko tahuun beekameera.
Comments