top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Mootummaan Itiyoophiyaa aangawoota irratti tarkaanfiin fudhatamaa jira jedha.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Jan 9, 2017
  • 1 min read

Muummicha ministeeraa Obboo Haylamaariyaam Dassaalenyi guyyaa hardhaa dhimma siyaasaa fi diinagdee ilaalchisee gaazexeessitoota miidiyaalee biyya keessaatiif ibsa kenne.


Obboo Haylamariyaam ibsa guyyaa hardhaa kenne kana irratti siyaasaa biyyattii ilaalchisee aangawoota mootummaa badii qabab jedhaman irratti tarkaanfii fudhatamuu qabu fudhatamaa jira jedha. Akkasumas rakkoo ilaalchaatiin wal qabatee qaama rakkoo ni qaba jedhame irratti mootummaan tarkaanfii fudhatuuf hojjataa jira. Namni aangawoota mootummaa badii qaban irratti ragaa waliin nuuf dhiheessee tarkaanfiin irratti hin fudhatamne jedhu yoo jiraate nuuf haa himuu jechuun dubbate.


Gaazexeessitoota gurra mootummaa tahan irraa gaafiiwwan adda addaa kan dhihaatan yoo tahu mootummaan ammas jijjiirama siyaasaa fi diinagdee guddaa biyyattii keessatti agarsiisnee jirra jechuun deebisaa kenne.


Dhimma hanqinna sharafa alaa ilaalchisee hanqinni jiraatuu mootummaan amanee jira.


Akka Hayilamaariyaam jedhutti

"Hanqinni sharafa biyya alaa kun biyya keenya qofa kan mudate osoo hin tahin kan biyyoota sadarkaa guddinaa nu irratti argamnu kana keessa jiran hunda mudateedha. Biyyoota yeroo ammaa kana guddatan jedhaman kan akka Chaayinaa, Jaapaan fi Kooriyaa sadarkaa guddinnaa nuti itti argamnu kana keessa yeroo turanitti rakkoon kun mudatuu irraa kan ka'e sharafa biyya alaa argatuuf jecha rifeensa dubartoota isaanii muruun biyyoota alaatti gurgurataa turaniiru" jechuun haasawa baacoo fakkaatu ibsa kana irratti dubbate.


Haata'uu malee mootummaan Itiyoophiyaa miidiyaalee isaa dawoo godhatuun ummata sobuuf yaalaa jiraatuus ibsi dhaabbilee mirga dhala namaatiif fi dhaabbilee deeggarsa miti mootummaa tahan irraa kennamaa turee fi ammas kennamaa jiru faallaa tahuu agarsiisa.


Dhiheenyuma kana dhaabbileen miti mootummaa adda addaa hoongee biyyattii keessatti muldhataa jiruuf deeggarsi guddaan kan barbaachisu tahuu ibsaa turuun ni yaadatama.


Comentarios


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page