top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Ibsi Mootummaa Kooriyaa kaabaa irraa kenname addunyaa yaaddessee jira.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Jan 9, 2017
  • 1 min read

Mootummaan Kooriyaa kaabaa guyyaa kaleessaa Misaayila guddicha Intercontinental ballistic missile (ICBM) Jedhamu yeroo barbaaddee fi iddoo barbaadde irratti dhukaasuu kan dandeessu tahuu ibsite.


Dubbii himaan ministeera dhimma alaa biyyattii ibsa guyyaa kaleessaa dhaabbata oduu biyyattiii KCNA jedhamu kenne irratti "Misaayila guddicha kana biyyaa fi yeroo barbaadnetti ajaja Mootii biyyattii irraa kennameen dhukaasa yaalii godhuuf qophii jiraa" jedha.


Barreessaan ministeera Raayyaa waraana Ameerikaa Ashton Carer ammoo Ameerikaan dhimma sagantaa kooriyaan kaabaa Misaayila guddicha kana dhukaasa yaalii godhuuf baafatte akka salphatti hin ilaaltu. Yoo dhukaasni kun daangaa Ameerikaa fi biyyoota michuuwwan isii irratti kan geggeeffamu tahe, Ameerikaan Misaayila kana ofirraa fashaleessuun tarkaanfii waraanaa akka fudhachuu dandeettu dubbate.


Warri xiinxalaa siyaasaa akka jedhutti mootummaan Kooriyaa waggoota dura yaalii dhukaasa Misaayila kanaa naannawa daangaa Ameerikaatti godhuuf fedhii akka qabdu dubbatu.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page