Mootummaan Turkii ammas namoota fonqolcha ji'a Adoolessaa keessa yaalameen walitti hidhata qabu
- NuuralHudaa
- Jan 7, 2017
- 1 min read

Fonqolcha waggaa darbe mootummaa Turkii irratti yaalamee fashalaa'een wal qabatee namoota harka keessaa qaban jedhamanii shakkaman 6000 ol hojii irraa kan ari'ee fi dhaabbilee heddus cufee ture.
Ammas tarkaanfiin shakkamtoota irratti fudhatamu kan itti fufe tahuu odeeffannoon ni addeessa.
Akka odeeffannoon guyyaa kaleessaa gaazexaa mootummaa biyyattii irratti maxxansame agarsiisutti miseensota Poolisii biyyattii 2687 tahan jidduu komishineeroonni sadarkaa olaanaa irratti argaman 53 hojii irraa ari'amuu agarsiisa.
Kana males gabaasa dhaabbata oduu biyyattii kan tahe Anadolu akka gabaasetti
Hojjattoonni 1699 ministeera haqaa, miseensonni mana maree mootummaa 8 fi akkasumas hooggansi ol aanaa mana marii filannoo biyyattii tokkos ari'amuu maxxansa isaa irratti ibse.
Hojjattoonni waajjira fayyaa 830 fi namoonni 100 waajjiraalee ministeeraa adda addaa irraa akkasumas dhaabbilee barnootaa irraa namoonni 631 fi miseensonni mana marii biyyattii 8 ari'amaniiru jedha.
Comments