top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Muslimoonni galmee Eeliyaas Khadiir jalatti himatamuun mana hidhaa Ziwaayiitti dararamaa turanis hid

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Jan 6, 2017
  • 1 min read

Obboleessi muslimaa galmeen kun maqaa isaatiin waamamu Eeliyaas Khadiir guyyaa hardhaa lakkifamuu isiiniif gabaasuun keenya ni yaadatama.

Muslimoonni isa wajjiin himatamuun gara mana hidhaa Ziwaayiitti geeffamuun dararamaa turan 7 guyyaa hardhaa saa'aa booda lakkifamanii maatiiwwan isaaniitiin wal arguu odeeffannoon argame ni addeessa.

Obboleeyyan Muslimaa kunis galmema kana jalatti hidhaan waggaa 7 itti murteeyfamun waggaa 3f kan dararamaa turan yoo tahu, adabbii manni murtii Federaalaa isaan irratti dabarse mormuun mana murtii olaanaa walii gala Federaalaatti ol iyyannoo dhiheeffatuun, manni murtii kun ol iyyannoo isaanii fuudhuun adabbii hidhaa waggaa 7 isaan irratti darbe waggaa 3 fi ji'a 4 gad buusee ture, himatamtoonni adabbii isaan irratti darbe waan fixataniif guyyaa hardhaa kana lakkifamuu maddeen gabaasaniiru.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page