Masjiidni 299 tahu hidhattoota Husiitiin barbadaa'e.
- NuuralHudaa
- Jan 6, 2017
- 1 min read

Waraana bara 2015 keessa mootummaa Yaman fonqolchuuf jalqabame irratti masjiidonni 299 gahan humna waraana hidhattoota Husii( hordoftoota amantaa Shiyaatiin) barbadaa'uu gabaasni Al Arabiyaa News irra argame ni addeessa.
Akka hooggantoonni amantaa Yaman Al Arabiyaaf himanitti
"Masjiidonni 53 kan magaalota adda addaa keessatti argaman guutumaan guututti boombiin barbadaa'anii jiru, masjiidonni 146 ol tahan immoo waraanni Husii akka dawoo waraanaatti itti fayyadamaa jira" jedhu
Akkasumas iddoowwan masjiidaa kanniin amma gara iddoo meeshaalee waraanaa itti kuufamanii , Kaampii leenjii waraanaa itti kennamutti jijjiiramuu gabaasni al Arabiyaa News irraa argame ni addeessa.
Akka odeeffannoo biraa irraa hubachuun danda’ametti "Qabeenyi Masjiidaa fi midhaan harka qalleeyyiif hiraman kan masjiidota keessa turan humnoota waraanaa Husii kanaan saamameera jedha.
Masjiidonni hedduun iddoo jimaa itti qama'anii fi shiishaa itti harkisan godhamaniiru. Akkasumas Masjiidooni bulchiinsa kaaba dhiha biyyattii magaalaa Hajjaatti argaman hundi waggaa dabre ji'a adoolessaa keesssa hidhattoonni Husii gara iddoo jimaan itti qama'amuutti kan jijjiiran tahuu gabaasni ni addeessa.
Qur'aanaa fi kitaaboonni adda addaa kan masjiidota bulchiinsa naannoo kaaba Sana'aatti argaman keessa turanis guutumaan guututti kan gubaaman tahuu beekameera.
Comments