Dubartii Muslimaa miseensa Kongirensii Ameerikaa tahuun tan filatamte guyyaa kaleessaa kakattee hoji
- NuuralHudaa
- Jan 6, 2017
- 2 min read

Filannoo Ameerikaa bara 2016 geggeeffametti dhimmi baqattoota muslimaa Ameerikaa keessa jiraatanii hedduu falmii guddaa uume. Kaadhimamaa Ripaablikaan tahuun kan filatame Doonald Tiraamp yeroo duula na filadhaa geggeessaa turetti haasawa jibbaa muslimoota agarsiisu haasawaa ture, Ameerikaa keessaallee muslimoota baasuuf karoora akka qabu dubbataa ture, haata'uu malee Filannoo kanaan dubartiin muslimaa umrii 34 kan lammii Sumaaliyaa taate Ilhaan Umar miseensa mana marii tahuun kutaa Minisootaa irraa dorgomtee injifatte. Ilhaan dubartii Muslimaa yeroo jalqabaatiif miseensa Kongireesii Ameerikaa warra seera biyyattii tumu keessa tokko tahuun tan filatamteedha. Filannoo kanatti namni tokkooyyuu muslimoota keessaa miseensi Kongireessii ni filatama jedhee shakkee hin jiru, kan nama ajaa'ibsiise immoo dubartiin Hijaaba uffatte kan lammii Sumaaliyaa miseensa Kongireessii tahuun filatamuu isiiti.
Dayrektera walii galaa hawaasa Muslima Minisootaa kan tahe Assad Zaman akkas jedha,
"Muslimoonni Injifatuu qaban, dubartii lammii Sumaalee kan Hijaaba uffatte akka bakka buutuutti fudhachuun waan ajaa'ibsiisaa Ameerikaa keessatti muldhate natti fakkaata" jedha.
Filannoon Ameerikaa kan bara 2016 muslimoota Ameerikaaf waan hamaa akka of duuba qabutti dubbatamaa ture haata'uu malee dubartii muslimaa yeroo adda addaatti dhimma muslimoota Ameerikaaf falmaa turte Ilhaan Umariif booda waan gaarii tahee dhume.
"Filannoon bara kanaa kun gaarii hin turre jedhamaa turus nama akka kiyyatti immoo faallaa tahee dhume jetti" Ilhaan Umar.
Ilhaan dubartii muslimaa kutaa Minisootaa irraa yeroo jalqabaatiif miseensa mana marii Ameerikaa taatee filatamtus, sagalee filannoo kanaan dura lammiiwwan Sumaalee kutaa minisootaatti argataniin yoo wal bira qabame kan isii hedduu diqqaadha, Namoonni irra caalatti Ilhaan filan warra Sumaalee minissoota keessa jiraatu osoo hin tahin warra adii fi dhalattoota biyyoota biroo lammii Ameerikaa tahuu beekameera.
"Siyaasni ogummaa waan hunda of jalatti hammateedha. Kanaaf Ilhaan Umar akka walii galatti dorgomtee warra adiin filatamte, kanaaf injifannoo Ilhaan kanniin minissootaa ala jiraaniifis wanti hunduu akka danda'amu fakkeenya Tahuu qaba" jedha Itti gaafatamaan hawaasa muslimaa kutaa minissootaa kan tahe Assaad Zaman. Itti ansuun Zaman akka jedhutti "waan isiin fuldura hojjattu ilaaluuf teenya, ammoo injifannoon Ilhaan kun hawaasa Minissootaa bira dabre addunyaa hawata jira jedha.
Comments