top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Muslimoota Magaalaa Dasee irratti murtiin badii darbe.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Jan 5, 2017
  • 1 min read


Muslimoota magaalaa Dasee irraa himannaa dharaa ajjeechaa Sheekh Nuuruu Yimamiin himataman irratti manni murtii guyyaa hardhaatis murtii badii raawwattanii jirtu jedhu dabarsuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Oolmaa mana murtii guyyaa hardhaatti saa'aa dheeraaf himannaan dharaa isaan irratti dhihaate eega dubbifamee booda murtii badii kan dabarsan tahuu beekameera .


Namoota galmee kana jalatti himatamanii argaman himatamtoota 5 himannaa isaanii salphisuun yakka salphaan, akkasumas muslimoota hafan immoo yakka cimaan hidhaa umrii guutuu irratti dabarsuuf tahuu maddeen gabaasaniiru.


Manni murtii aangawoota mootummaatiin hoogganamu kun murtii adabbii dabarsuuf Amajjii 9/2009 kan beellame tahuu odeeffannoon ni addeessa.


Namoonni ajjeechaa Sheekh Nuuruun yakkamani.


1.Anwaar Umar Sayid

2.Saalii Muhammad Abduu

3.Umar Husseen Ahmad

4.Yimaar Husseen Mollaa


Namoonni yakka Mootummaa Islaamaa biyyatti keessatti hundeessuuf sochii gootan jechuun yakkamani.


1.Ahmad Idiriis Gabayoo

2.Sheekh Aadam Araagawu

3.Kamaal Husseen Ahmad.

4.Muhammad Yuusuuf Muhammad yoo tahan namoonni yakka salphaan yakkaman


1.Abdurahman Isheetuu Muhammad

2.Ibrahiim Muhee Imaam

3.Ismaa'il Hassan Yimaar

4.Abduu Hassan Ahmad fi

5.Ahmad Jamaal Sayid yoo tahan oolmaa mana murtii guyyaa hardhaatti hawaasni muslimaa lakkoofsaan hedduu tahe argamuun kan hordofe tahuus beekameera.


Manni Murtii ammas adabbii isaan irratti darbu murteessuuf 9/2009f beellameera.


Comentarios


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page