Kitaabni mat-dureen isaa" SEENAA NABIYYII ﷺ DHALOOTARRAA HANGA DU'AA" jedhuun qophaa’
- NuuralHudaa
- Jan 5, 2017
- 1 min read

Kitaabni kun afaan Arabaatiin Sheekh Muusaa bin Raashiid Al Aziimiiniin kan qophaa’e yoo tahuu, Obboleessi keenya Jaafar Bayaan Afaan Oromootti jijjiiruun hawaasaa bilisaan raabsaa jiraatuun beekame.
Akka Obboleessi Keenya Jaafar nuuf himetti
"Kitaaba kana 1000 kan tahu maxxansee hawaasa biyya keennaa kan Keeniyaa keessa jiraatuuf bilisaan raabsaa jira, yoo fedhii Rabbii tahe yeroo dhiyotti biyyattis akka maxxansamu tattaaffii godhaa jira" jedha.
Gama biraatiin immoo namoonni biyya biraa jiraatanis kaffaltii poostaa qofa ofirraa yoo baasan ni erginaaf, akkasumas namoonni kitaaba kana maxxansuuf fedhii qaban yoo jiraatan maxxansuu ni danda'u jedha.
Kaayoon kitaaba kana qopheesseef
"Seenaa Nabi Muhammad ﷺ ummata keenya biraan gahuu, namni Nabiyyii ﷺ hin beekne akkamitti jala deema? seenaa Nabi Muhammad ﷺ baruun muslimoota irratti dirqama waan ta’eef "jechuun nuuf himeera.
Namoota kitaabni kun akka maxxanfamu deeggarsa godhaa turaniinis Rabbiin hojii isaanii haa irraa qeebalu jedha qopheessaan kitaaba kanaa.
Komentar