Namoonni Balaa abiddaa mana hidhaa Qilinxootiin wal qabatee yakkaman 121 gahuun beekame.
- NuuralHudaa
- Jan 4, 2017
- 1 min read

Abbaan Alangaa Federaalaa balaa abiddaa mana hidhaa Qiliinxootti ji’oota dura mudateef namoota 38 irratti himannaa banuun ni yaadatama. Amma namoonni himataman lakkoobsa 121 olguddatuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Himannaan namoota kanniin irratti baname
1. Lubbuu namoota 23 kan poolisootaan ajjeefamaniif sababa taatanii jirtu fi
2. Akkasumas qabeenya qarshii miiliyoona 15 tilmaamamu akka barbadaa'u gootan kan jedhu tahuu maddeen gabaasaniiru.
Namoonni lubbuun isaanii badde kunniin kan yeroo balaan kun ka’etti lubbuu isaanii baraaruuf osoo fiiganii poolisoonni rasaasaan dhahuun kan ajjeefaman tahuu odeeffannoon ni addeessa.
Namoonni himataman hunda namoota yakka garagaraatiin himatamanii hidhaman tahuus beekameera.
Comments