top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Mootummaan Turkii Labsii yeroo Muddamaa ammas ji'a sadiif kan turu tahuu ibsee.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Jan 4, 2017
  • 1 min read

Paarlaamaan Turkii guyyaa hardhaa wixnee mootummaan labsiin yeroo muddamaa kanaan yeroo fonqolcha mootummaa irratti geggeeffamuuf yaalametti labsame ammas akka ji'a sadiif itti fufu guyyaa hardhaa harka guutuun mirkaneessuu odeeffannoon ni addeessa.

Turtiin Yeroo labsii muddamaa kanaan duratti labsame keessatti namoonni kumaatamaan lakkaa'aman fonqolcha mootummaa geggeeffame waliin hidhata qabu jedhamanii waan shakkamaniif hojii irra ari'amaniiru, akkasumas namoonni kumaatamaan lakkaa'aman hidhamaniiru, labsiin kun Amajjii 19/2017 ni dhuma jedhamee eeggamus balaa dhiheenya kana shororkeessitoonni turkiin keessatti raawwatuun lubbuu nama 39 balleessaniin wal-qabatee ji'a sadiif ammas kan itti fufe tahuu odeeffannoon Al Arabiyaa irraa argame ni addeessa.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page