Poolisoonni Yugaandaa Masjiida magaalaa Nakaseerootti argamu cabsanii seenuun qabeenya masjiidichaa
- NuuralHudaa
- Jan 3, 2017
- 1 min read

Muslimoonni magaalaa Nakaseeroo gocha seeraan alaa poolisoonni mootummaa hayyama mana murtiitiin alatti masjiida cabsanii seenuun meeshaalee adda addaa caccabsan kana mormuun himannaa mana murtiif kan dhiheeffatan tahuu odeeffannoon ni addeessa.
Himannaa isaan mana murtiif dhiheeffatan kana irratti poolisoonni yeroo adda addaatti Imaamota masjiidaa ukkaamsuun akka dararaa turan ta’uu ibsataniiru.
Barreessaa Masjiida kana kan tahe Habiib Bwemboo akka jedhuutti "Qabeenyi Masjiida kanaa galmeewwan adda addaa, kompiitara fi meeshaalee birootis kan hooggantoota Poolisiin fuudhaman ragaa waan ta’eef akka masjiidatti deebifamuu qabu mana murtichaa gaafannee jirra” jedha.
Gochi kun December 27/2016 kan raawwatame yoo tahu, guyyaa kana irraa kaasee muslimoonni biyyattii masjiida deemanii salaatuuf sodaa guddaa kan qaban tahuu ibsatan.
Comments