Muslimoota 19 irratti murtiin adabbii darbe.
- NuuralHudaa
- Jan 3, 2017
- 1 min read

Muslimoota Galmee Khadiir Muhammad jalatti himataman 19 irratti manni murtii aangawoota mootummaatiin hoogganamu guyyaa hardhaa hidhaa adabbii waggaa 5 fi ji'a 6 dabarsuu oddeeffannoon ni addeessa.
Muslimoonni kunniin waggaa 2 dura magaalaa Finfinnee fi Jimma irraa ukkaamfamanii hidhaman. Guyyaa hardhaa kana yakka dharaa abbaan alangaa ragoota dharaa dhiheessaa tureefi manni murtii hidhaa waggaa 5 fi baatii 6 irratti dabarse jira.
Himannaan dharaa muslimoota kana irratti dhihaate
1.Koree furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa humnaan hiiksisuuf yaalii gootanii jirtu
2. Mootummaa Islaamaa biyyattii keessatti hundeessuuf yaaddanii jirtu kan jedhu yoo tahu, beellama kanaan duratti manni murtii badii raawwattanii jirtu jechuun akka isaan ragaa ittisaa dhiheeffatan ajaje, isaanis mana murtii haqni irraa hin eeggamneef ragaa ittisaa hin dhiheessinu jechuun kan didanii turan tahuu ni yaadatama. Beellama isaanii irratti hundaa’uun manni murtii haqni irraa argamee hin beekne hardhas muslimoota kanniin irratti murtii hidhaa murteessuun beekameera.
Galmee kana jalatti Gaazexessitoonni muslimaa lama Darseema Sorii fi Khaalid Muhammad himatamanii argamu.
Commentaires