Dubartiin Masjiida Michigan Shororkeessuuf yaalii goote irrratti himannaan baname.
- NuuralHudaa
- Jan 3, 2017
- 1 min read

Dubartiin umrii 33 tokko Wirtuu Islaamaa Al Toowhid jedhamu kan magaalaa Michiganitti argamu seenuun gocha Shororkummaa raawwatuuf yaalii kan goote yoo tahu, Dubartiin too'annaa jala ooluun kan himannaan itti baname tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Gaazexaan The Grand Rapid Press jedhamu gabaasa isaa kan hardhaa irratti Kari Moss Yakka Shororkummaa isii irratti banameef Roobii boruu mana murtii kan dhiyaatu tahuu gabaase.
Poolisii Kentwood kan tahe Richard Robert “Qorannoo geggeesineen Dubartiin tun Wixata Ganama balbala Masjiidaq alaan cufuun namoota keessa jiran Shororkeessuuf yaalii kan goote tahuu miseensota Wirtuu kanaa irraa mirkaneeffannee jirra “jedha.
Itti gaafatamaan Masjiida kanaa kan tahe Alii Matwaalii WOOD-TV irratti akka jedhetti
“Dubartiin tun Yoo mallaqni naaf hin kennamin lubbuu namoota as keessa jiranii barbadeessee ofii kiyyaafis du'a jechuun dhaadataa turte” jedha.
Comments