top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Sirni Awwaalcha  sheekh Hassan Abdallaah guyyaa hardhaa raawwatame.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Dec 31, 2016
  • 1 min read


Sheekh Hassan Abdallaah torbee dabre keessa osoo salaata Subhiif gara masjiidaa deemaa jiran Afrikaa kibbaatti nama hin beekamneen rasaasaan dhahamee yaalamaa egaa turee booda guyyaa kaleessaa Aakiramuu isiiniif gabaasuun keenya ni yaadatama.


Guyyaa hardhaa Masjiida Taqwaa kan isaan itti qaraasisaa turanitti Janaazaa isaanii irratti eega salaatamee booda sirni awwaalcha isaanii kan raawwatame tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Sirna Awwaalchaa kana irratti Aalimni guddaan Sheekh Isaaq Muhammad Waa'ee Sheekh Hassan eega dubbatanii booda namni isin mufachiise yoo jiraate Rabbiif Jecha akka dhiifama godhaniif dhaamsa dabarsaniiru.


Sirna Awwaalchaa kana irratti Lammiiwwan biyya keenyaa kan Afrikaa kibbaa magaalota adda addaa jiraatan argamu maddeen gabaasaniiru.


Rabbiin Sheekh Keenna Jannataan haa qananiisu.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page