Namoonni 130 tahan yakka malaanmaltummaatiin shakkamanii hidhamuun beekame.
- NuuralHudaa
- Dec 31, 2016
- 1 min read

Namoonni 130 tahan yakka malaanmaltummaatiin shakkamanii hidhamuun beekame.
Namoota kana jidduu aangawoonni mootummaatis jiraatu Komishiiniin Poolisa Federaalaa ibseera.
Gorsaa Komishiinara Poolisii Federaalaa kan tahe Komaandar Dastaa Asmalaash akka jedhutti
"Namoota yakka malaanmaltummaatiin shakkaman 260 tahan jidduu namoonni 130 too'annaa jala oolaniiru. Namoota shakkaman kanniin jidduu qabeenyi namoota 13 akka hin sochoone godhamee jira" jechuun sabaa himaalee mootummaa irratti dubbate.
Qabeenyi akka hin sochoone dhoorkame kunniin waldaalee daldalaa gurguddaa 8 , konkolaataa 49 , Manneen jireenyaa 22, gamoowwan 4 fi Warshaalee 2 yoo tahan, Akkasumas shakamtoota hafan irrattis qorannoon kan geggeeffamaa jiru tahuu komishiinarri Poolisii Federaalaa ibseera.
Mootummaan fincila guutuu biyyattiitti itti ka'een walqabatee sodaa guddaa keessa seenuun aangawoota isaa irratti yakka deebisuun tarkaanfii ni fudhadha jechaa turuun beekamaadha. Ammas ummata sobuuf jecha aangawoota kanniin hidhaa malee jijjiiramni siyaasaa inni agarsiise kan hin jirre tahuus himamaa jira.
コメント