top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Bara 2016 keessa gaazexeessitoonni ajjeefaman 93 tahuu ibsame.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Dec 31, 2016
  • 1 min read


Federeeshiiniin gaazexeessitoota Addunyaa ibsa guyyaa hardhaa baaseen turtii bara 2016 keessatti Gaazexeessitoonni fi ogeeyyiin midiiyaa 93 tahan ajjeefamaniiru, Gaazexeessitoonni kunniin isaan gariin kan namni eegee ajjeesee fi akkasumas lola jiddutti boombiifi rasaasaan kanneen ajjeefamani jedha.


IFJ ( International Federation of Journalist) gabaasa waggaa kan bara kanaa irratti, lakkoofsi gaazexeessitoota ajjeefamanii kan bara 2015 irraa 112'n gad bu’eera, biyyoota Gaazexeessitoonni itti ajjeefaman jidduu; Iraaqi, Afghaanistaan, Meeksikoo, Yaman, Suuriyaa, Paakistaanii fi Hindi.


Duuti gaazexeessitootaa bara kana gad bu’uun kan nama gammachisuu fi balaan ogeeyyii miidiyaa irra gahu kan dhaabbatu tahuu abdii keenna. Akkasumas yakka kanaafis qaamni ilaallatu itti gaafatamummaa irraa hin hafu jedha Pirezedaantii IFJ kan tahe Philip Lerute.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page