Search
Balaa Konkolaataa guyyaa kaleessaa mudateen namoonni 18 du'an.
- NuuralHudaa
- Dec 30, 2016
- 1 min read

Balaa konkolaataa guyyaa kaleessaa Harargee bahaa aanaa Meettaatti mudateen lubbuun namoota 18 kan darbee fi namoota 31 irratti miidhaan salphaa fi cimaan kan gahe tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Konkolaataan kun aanaa Meettaa ganda Waaybariirraa gara Calanqootti namoota 49 fe'atee imalaa ture. Ganda Baadiyaa Dokee jedhamu yemmuu ga'u karaa irraa miliqee kan kufe tahuu maddeen nuuf gabaasaniiru.
Balaa kanaan dubartoota 7 fi dhiirri 11 Lubbuun kan darbeef namoota 31 irratti balaan salphaa fi cimaan kan gahe tahuu beekameera.
Comentarios