Muslimoonni magaalaa Harbuu ,Dangilaa fi Mer'awii irraa hidhaman gara Kaampii waraanaa Birshele
- NuuralHudaa
- Dec 29, 2016
- 1 min read

Muslimoonni kunniin ji'a tokko dura naannoo Amaaraa gara magaalaa Garbaa fi Dagaaniitti Ziyaaraaf osoo imalaa jiranii waraana mootummaan qabamanii hidhamanii turan, namoonni magaalaa Garbaa irraa isaan waliin hidhaman guyyaa kaleessaa lakkifamuun isaan 8 immoo wixata halkan gara Kaampii waraanaa Birshalaqootti kan geeffaman tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Muslimoota kana hidhaa Ji'a tokkoof guyyaa 10 keessatti manneen hidhaa magaalaa adda addaatti geessuun dararaa cimaan eega irratti raawwatamee booda wixata dabre halkan naannoo saa'aa 3:00 gara Kaampii waraanaa kanatti geeffamuu maddeen gabaasaniiru.
Muslimoonni kunniin
1.Sheekh Sayid
2.Sheekh Musxafaa
3.Ismaa'il Sayi
4.Ahmad Alhadii
5.Muhammad Abdallaah
6.Sayid Muhammad
7.Sayid Idiriis fi
8.Muhammad Husseen kan jedhaman tahuu beekameera.
Comments