Muslimoonni naannoo Tigraayi irraa hidhaman ammas Amajjii 18/2009 beellamaman.
- NuuralHudaa
- Dec 27, 2016
- 1 min read

Muslimoonni kunniin naannoo Tigraayi aanaa Raayyaa Azabootti iddoo Kukuftoo jedhamtu irraa qabamanii mana hidhaa Maayicawu jedhamutti dararamaa jiru.
Himannaa isaan irratti dhiyaate jidduu; Afoosha irratti hin hirmattan, Isin Wahaabiyya, Abdallaah Al Hararii hin hordoftan fi dargaggoota filuun gar Sa'uud Arabiyaatti ergitu kan jedhu yoo tahu, himannaa dharaa Abbaan Alangaa isaan irratti dhiheesseef ragaa isaa dhaga'uuf manni murtii Muddee 11 beellamee ture, haata'uu malee guyyaan beellamaa osoo hin gahin beellamni isaanii Amajjii 18/2009 kan dabarfame tahuu beeksisni maxxanfamuu beekameera.
Sababni guyyaan beellamaa jijjiirameef Abbaan Alangaa himannaa dharaa muslimoota kana irratti dhiheesseef ragoota isaa sababa qabatee dhiyaachuu hin danda'iniif Abbootii seeraa wajjiin wal dubbatuun kan jijjiirame tahuus odeeffannoon argame ni addeessa.
Maatiiwwan hidhamtootaa guyyaan beellamaa karaa seeraan alaatiin jijjiirame jechuun mana murtii olaanaa Maqaleetti ol iyyannoo dhiheefatanis, Pirezadantiin mana murtii Olaanaa kan tahe Obboo Zanabaa kan jedhamu maatiiwwan hidhamtootaa kana sodaachisaa kan ture tahuu odeeffannoon ni addeessa
Obboo Zanaban maatiiwwan kanaan
“Dhimmi kun anaaf Bulchiinsa mootummaa naannoo Tigraayii kan tahe Abbaay Walduutiin waan ilaalamaa jiruuf amma booda gaafii akkasii yoo dhiheessitan ni hidhamtu" jechuun kan itti dhaadate tahuus odeeffannoon ni addeessa.
Galmee kana jalatti Aalimoonnii fi Ustaazonni bebekkamoon naannoo Tigraayi kan himatamanii argaman yoo tahu isaan jidduu, maatii isaanii duubisuuf Sa'uudii irraa akkuma dhufanitt kan hidhaman Ustaaz Abdulmannaan, Afrikaa Tv irratti sagantaa Da'awaa Afaan Tigriiffaa dhiheessuun kan beekamu Ustaaz Khadiir Husseen, Shekh Ahmad Yuusuf fi muslimoonni birootis kan jiran tahuu maddeen gabaasaniiru.
Mootummaan akkuma naannoowwan biroottis muslimoota dararaa jiru naannoo Tigraayiittis muslimoota hidhaa fi dararaa irratti geggeessaa jiraatuu beekameera.
Σχόλια