Israa'el deeggarsa mallaqaa dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif gootu kan dhaabdu tahuu ibsite.
- NuuralHudaa
- Dec 25, 2016
- 1 min read

Muummichi Ministeeraa Israa’el Biiniyaamin Neetaaniyaahu murtii jimaata manni maree Mootummoota gamtoomanii guyyaa dhimma qubsuma Falasxiin ilaalchisee dabarse irratti yaada isaa kan jalqabaa hardha kennate.
Miseensonni mana maree Mootummoota Gamtoomanii 14 harka caalmaan lafa quubsuma Falasxiinootaa ilaalchisee Israa'eli ijaarsa seeraan ala ijaaraa turte akka dhaabdu jechuun murtii dabarsanii turan, murtii kana immoo biyyoota Arabaa dabalatee biyyoonni hedduun deeggaranii jiru. Muummichi Ministeera Israa'eli Biiniyaamiin Neetaniyaahu murtii kana irratti aarii guddaan guyyaa hardhaa akkas jechuun yaada kennate.
"Murteen Manni Maree Mootummoota gamtoomanii kan Lafti Israa'eli akka fudhatamu murteesse, mootummoota biyyoota dhihaaf qaanyii guddaadha. Murteen kun kan nagaa nu jiddutti uumu osoo hin tahin, kan akka nageeenyi jidduu keenyatti hin uumamne nu dura dhaabbatu" jedha.
Akkasumas Israa'eli yoomiyyuu murtii kana kan hin fudhanne, akka haqamuu qabuu fi deeggarsa mallaqa dhaabbata Mootummoota gamtoomanii gootu kan dhaabdu tahuu dubbate.
Manni Maree kun harka caalmaan Israa'eli quubsuma seeraan alaa daangaa Falasxiin keessatti gootu guutumaan guutuutti akka dhaabuu qabdu sagalee kennatuun murteessee jira. Biyyoonni akka Ameerikaa fi bahaa kan duraan Israa'eli bira dhaabbatuun lammiiwwan Falasxiin lafa isaanii irraa buqqisaa turan hardha dugda itti galaniiru.
Comments