top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Namoota fincila guutuu biyyattiitti ka’een walqabatee magaalaa Harar irraa hidhaman jidduu namoonni

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Dec 23, 2016
  • 1 min read

Mootummaan lammiiwwan kumaatamaan lakkaa’aman guutuu biyyaatti naannoo adda addaa irraa ukkaamsuun eega dararaa turee booda namoota muraasa dhiifama godheef jechuun lakkisaa jira.


Namoota kana jidduu immoo dhalattoota Oromoo lakkoofsa hedduu tahan naannoo Hararii irraa ukkaamsuun iddoo Maamraa jedhamutti hidhee eega booda isaan jidduu namoota 7 qofa lakkisuun, namoota hedduu gara kaampii Ziwaayiitti geessuuf tahuu maddeen naannawa irraa nuuf gabaasaniiru.


Akka Jiraataan magaalaa Harar tokko nuuf himeetti "Namoonni ni hiikkamu jedhaman kunis mana hidhaa maamraa jedhamu irraa fuudhamanii gara Waajjira poolisii aanaa Jineela(bootee) geeyfamaniiru" jedha.


Namoota hiikkamuuf jedhaman jidduu isaan 4 miseensota Poolisii naannoo Hararii tahuus maddeen nuuf gabaasaniiru.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page