Mootummaan ammas karoora maastar Pilaanii magaalaa finfinnee bifa addaatiin hojii irra oolchuuf soch
- NuuralHudaa
- Dec 22, 2016
- 1 min read

Karoorri duraanii kan magaalaa Finfinnee fi magaalota godina addaa Oromiyaa of jalatti hammate yoo tahu, karoorri kun qabsoo ummanni godheen fashalaa'ee ture.
Karoorri mootummaan yeroo ammaa hojii irra oolchuuf baase kun kan magaalota godinaalee addaa naannawa magaalaa Finfinneetti argamaniif magaalaa Finfinnee qofa irratti xiyyeeffata jedha.
Haata'uu malee galmeen karoora maastar pilaanii haraawa kanaan walqabatanii qophaa'an kan bahan yoo tahu, Kaartaan galmee kana irratti kaa'ame daangaa magaalaa Finfinnee kan yeroo ammaa irra guddaa tahuu ibsameera.
Iddoowwan Oromiyaa keessatti argaman kan akka Galaan, Tulluu Diimtuu, Jamoo fi Samiit jedhaman kan of jalatti fudhate tahuu kan agarsiisuu fi maastar pilaanii haarofni kunis qonnaan bultoota oromoo hedduu lafa isaanii irraa kan buqqisuudha jedhameera. Gama biraatiin immoo magaalaan Finfinnee tajaajila akka bishaanii fi Kosii darbuu kaffaltii tokkoon alatti naannoo Oromiyaa irra akka argatu kan agarsiisu tahuu odeeffannoon ni addeessa.
Kanaan dura mootummaan mirga addaa Oromiyaan magaalaa Finfinnee irraa argatuu qabdu ji'a Onkololeessa keessa kabajsiisa jechuun waadaa seenee kan ture yoo tahu, osoo waadaa kana hojii irra hin oolchin ammas karoora haarawa baasuun kun mirga Oromiyaan magaalaa Finfinnee irraa qabdu daran kan dhoowwuufii fi tuffii ummataaf qabu kan calanqisiisu tahuu kan agarsiisuudha jedhameera.
Karoorri kanaan dura bahe fakkeenyi isaa karoora Faransaay magaalaa Lyoon jedhamu ture, kan ammaa kun ammoo Kan Kooriyaa magaalaa Soul tahuu odeeffannoon ni addeessa.
Comments