top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Donald Tiraamp  karoorri  muslimootni akka Ameerikaa  hin seenne ugguruuf baafadhe sirriidha  jedha.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Dec 22, 2016
  • 1 min read

Pirezedaantii Ameerikaa tahuun kan filame Doonald Tiraamp ibsa guyyaa kaleessatti miidiyaaleef kenne irratti "Karoorri an muslimoota Ameerikaa akka hin seenne ugguruuf baase sirriidha" jechuun dubbate.

Tiraamp yeroo duula na filadhaa geggeessaa turetti waan fuuldura ummata Ameerikaaf ni hojjadha jechuun karoorfate jidduu tokko yeroo murtaa'eef muslimoonni Ameerikaa akka hin seenne uggura kan jedhu yoo tahu, gocha Shororkeessummaa guyyaa lama dura magaalaa Barliiniitti raawwatame irratti hundaa’uun karoorri kiyya kun guutumaan guututti sirrii waan ta’eef karoorri kiyya kun hin jijjiiraamu jechuun ammas ilaalcha dogongoraa fi jibbaa muslimootaaf qabu ibsate.

Haata'uu malee guyyuma gochi Shororkeessummaan kun magaalaa Barliiniitti raawwatame, swizeerlaand keessatti namni amantaa biroo tokko masjiida seenuun muslimoota irratti rasaasa dhukaasuun ajjeechaa raawwatee ture, hanga ammaatti garuu namticha gocha kana raawwate, ajjeechaa muslimoota irratti raawwatame ilaalchisee wanti jedhame tokkoyyuu hin jiru.

Rabbiin Muslimoota hunda biyya isaan jiranitti haa tiksu.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page