CPJ'n gaazexeessitoota Muslimaa ilaalchisee ibsa baase.
- NuuralHudaa
- Dec 22, 2016
- 1 min read

Dhaabbanni mirga gaazexeessitootaaf falmu CPJ'n adeemsa mana murtii gaazexeessaa Darseema Sorii fi Khaliid Muhammad ilaalchisee guyyaa kaleessaa ibsa baase jira.
Ibsa kana irratti Gaazexeessitoonni kunniin sababa gaafii mirgaa hawaasni muslimaa biyyattii kaaseen hidhamanii dararamaa jiraatuu kan ibse yoo tahu, mootummaan Itiyoophiyaa gazexeessitoota kanniiniif kan birootis yaada isaanii sababa ibsatanii fi ogummaa isaaniitti waan hojjataniif keeyyata farra Shororkeessummaatiin yakkuun kan dararaa jiru tahuu ibsameera.
Itti aanaa dayrektera CPJ kan tahe Robert Mahoney gabaasa kana irratti,
"Waa'ee dhimma hawaasa muslimaa gabaasuun gocha Shororkeessummaa osoo hin tahin ogummaa gaazexessuumaati. Kanaafuu mootummaan Itiyoophiyaa gaazexeessitoota kanniiniif isaan biroo kan sababa ogummaa isaaniitiif hidhamanii dararamaa jiran hatantamaan akka lakkisu" jedha.
Khaliid Muhammad fi Darseema Sorii dabalatee waggaa kana keessa Gaazexeessitoonni 16 mootummaa Itiyoophiyaatiin hidhamanii mana hidhaatti kan argaman tahuu gabaasni CPJ kan bara kana ni agarsiisa.
Comments