Search
Muslimoonni Sadih osoo salaataa jiran Meeshaa waraanaan rukutaman
- Odeeyfannoo
- Dec 20, 2016
- 1 min read

Balaa Biyya Swiizarlaand Magaalaa Zuurik keessatti mudate namni irraa dubbate muraasa. Magaalaa kanatti namichi tokko meeshaa waraanaa qabatee, Masjiida muslimoonni keessatti salaataa jiran seenuudhaan, osoma isaan salaataa jiran dhukaasa itti bane. Odeeyfannoo haga ammaa jiruun namoonni salaata irra jiran sadi miidhaan guddaan irra gahee gara hospitaalaa geeffamanii jiran. Poolisiin haga ammaatti qorannoo irra akka jiru kan ibse yoo ta’u, eenyummaan namichaatis haga ammaa hin beekamne.
Rabbi Muslimoota addunyaa irra jiran cufa shira adawwii jalaa haa tiksu
Comments