Namoonni aanaa Shirkaa irraa qabaman eessa akka geeffaman hanga ammaatti hin beekamne.
- NuuralHudaa
- Dec 19, 2016
- 1 min read

Godinaalee Oromiyaa adda addaa irraa lammiiwwan kuma 50 ol waraana mootummaan ukkaamfamanii manneen hidhaa adda addaatti dararama jiraatuun beekamaadha. Namoota kana jidduu immoo namoonni tokko tokko eessa akka jiran wanti beekamu kan hin jirre tahus odeeffannoon ni addeessa.
Godina Arsii aanaa Shirkaa irraa kanaan dura dargaggoonni hedduun kan ukkaamfamanii turan yoo tahu isan kana jidduu yeroo amma kana muraasni eessa akka geeffaman, lubbuun jiraatuu fi jiraatuu dhabuu wanti beekamu hin jiru jechuun jiraataan naannawa sanii nuuf hime. Torbee dabre keessas dargaggoota man hidha magaalaa Gobeessatti hidhamnii turan konkolaataa 7 guutuu fuudhanii deemaniin eessa akka geeffaman hin beeknu jedhan.
Namoota waraanni mootumma Ukkaamsuun fuudhe kanniin jidduu kan maqaan isaanii nu gahe
1-Awwal Bursaa Abdoo.
2- Yaassin Bursaa Abdoo
3- Kaliil qaadii Abdoo
4- Jibriil Siraaj Haajii
5- Muktaar muhammad Ahmad
6- Xahir Haajii
7-Muhammad Sulxii Gammadaa
8- Abbaas Alisee Gammadaa fi
9- Birbirsoo Sulxii Gammada fa’a akka tahan maddeen nuuf gabaasaniiru.
Comentarios