top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Mootummaan Namoota 2449 irratti himannaa  banuuf tahuu ibse.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Dec 19, 2016
  • 1 min read


Namoota labsii yeroo muddamaa labsameen walqabatee naannoo adda addaa irraa waraana mootummaa fi garee Komaandpoostiitiin hidhaman jidduu mootummaan namoota 2449 irratti himannaa banuuf tahuu miidiyaalee biyya keeysaatiif ibseera.



Ministeera Raayyaa Ittisa biyyatti fi hoogganaa garee Komaand poostii kan tahe Obbo Siraaj Fargeessaa ibsa miidiyaaleef kenne irraatti "Namoota himannaan itti banamu kana jidduu gareewwan 19 kan biyyattii shororkeessuuf socho’an too'annaa jala ooluu" dubbate.


Obboo Siraaj itti dabaluun " Namoonni sochii nagaa biyyatti booressuuf jeequmsa kana keessatti hirmaatan hunduu seeraan ni gaafatamu" jedha.


Mootummaan lammiiwwan too'annaa jala oolan jechuun miidiyaalee isaa irratti dubbatu kun walumaagalatti 24,749 jedha, haata'uu malee lammiiwwan naannoo Oromiyaa qofa keessaa ukkaamfamanii hidhaman 50,000 ol tahuu ibsa kanaan dura dhaabbileen mirga dhala namaatiif dhaabbane jedhan baasaa turan ni addeessa.


Itti aanaa hoogganaa ministeera dhimmoota komunikeeshiinii mootummaa kan tahe Zadiig Abrahaa gaafii fi deebisaa sagalee Raadiyoo Jarman kutaa Afaan Amaaraa irratti godhen


"Shakkamtoota irratti himannaa banuuf eenyuummaan shakkamtootaa qoratamaa jira" jedha.


Itti dabaluun Obboo Zadiig namoonni 9800 kan labsii yeroo muddamaa marsaa jalqabaatti hidhaman torban kan keessa ni hiikkamu" jedha.


Haata'uu malee Ibsi mootummaan miidiyaalee isaa irratti baasaa jiruuf odeeffannoon naannawa adda addaa irraa bahaa jiru kan wal hin fakkaanne yoo tahu, dhaabbileen mirga dhala namaatiif dhaabbanne jedhanii fi odeeffannoon kutaa biyyatti adda addaa keessaa jiru lakkoofsi namoota ukkaamfamanii kan mootummaan jedhu ol tahuu fi namoonni hedduun immoo eessatti akka hidhamanii jiran maatiiwwan beekuu kan hin danda'in tahuu agarsiisa.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page