top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Naannoo Oromiyaa godinaalee adda addaatti hidhaa fi dararaan cimaan geggeeffamaa jira.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Dec 17, 2016
  • 1 min read


Iddoowwan adda addaatti waraanni mootummaa maatiiwwan kanaan dura sababa fincila naannoo Oromiyaatti ka’eetiin namni irraa ajjeefame hidhaa jiraatuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Namoonni hidhamaa jiran kunniin immoo haadha warraa, abbaa warraa fi hangafa ykn immoo namoota maatii san dura deemuun bulchan tahuus beekameera.


Sababan hidhaa kanaa immoo maatiiwwan namni irraa ajjeefame kunniin maatii hafe waan bulchuuf boru mootummaa irratti Xiiqii qabachuu danda’a jedhanii sodaa keessa waan jiraniif hidhaa jiraatuun beekameera.


Akkasumas namoota yeroo mormiin geggeeffamaa turetti waraana mootummaan miidhaman kan ajjeechaa irraa hafanis adamsamuun hidhaa jiru.


Guyyaa kaleessaa muddee 16/2016 godina Shawaa lixaa magaalaa Mugaritti barattoonni mana baruumsaa sadarkaa 2ffaa mormii dhageesisaa oolaniiru. Barattoonni waraana mootummaan hidhamaniis jiraatuu maddeen gabaasaniiru.


Magaalaa Ginciittis hidhaa fi dararaan cimaan ummata irratti geggeeffama jira, basaastonni mootummaa magaalaa keessa deemuun dargaggoota waraana mootummaan adamsisaa jiraatuu beekameera.


Arsii lixaa aanaa Adaabbaa keessatti namonni hedduun ka hidhaman yoo tahu, gareen Komaandipoosti aanaa kana keessatti ramadame waajjiraalee kanaan dura balaa ibiddaatiin gubate akka ijaartan jechuun jiraattota aanichaa hiraarsaa jiraatuu odeeffannoon ni addeessa.


Shawaa kaabaa magaalaa Ejeree keessattis qonnaan bultoota aanaa kana keessatti argaman manneen seeraan alaa ijaartan jechuun jalaa diigaa akka jiran beekameera.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page