top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Muslimoonni galmee Eeliyaas Khadiir jalatti himataman guyyaa hardhaatti ni lakkifamu jedhamee eeggam

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Dec 17, 2016
  • 2 min read


Muslimoonni kunniin magaala Finfinnee fi Walqixxee irra qabamanii waggaa sadiif badii tokkoon alatti hidhaan dararamaa eega turanii booda, manni murtii aangawoota mootummaatiin hoogganamu adabbii waggaa 7 irratti dabarsee, isaanis adabbiin kun sirrii miti jechuun mana murtii olaanatti iyyannoo dhiheeffatan, manni murtii olaanaa guyyaa kaleessaa murtii dhumaa dabarsuuf kan beellame ture yoo tahu, oolmaa mana murtii guyyaa kaleessaatti adabbii waggaa 7 duraan irratti darbe sirrii miti jechuun manni murtii olaanaa adabbii waggaa 3 fi ji'a 4 kan xiqqeesseef tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Manni Murtii walii galaa adabbiin duraan isaan irratti darbeef himannaan isaan irratti dhiyaate wal hin madaalu hidhaan hanga ammaa isaan hidhaman adabbii isaaniitii oli jechuun murteesse.


Akka odeeffannoon hardha nu gahe irraa hubachuun danda'ametti Obboleeyyan muslimaa kunniin guyyaa hardhaa bahuuf wanta isaan irraa eeggamu hunda eega xumuran booda bahuuf eeggataa ooluun osoo hin lakkifamin hafanii jiru.


Maatiiwwan hidhamtootaa guyyaa hardhaa kana mana hidhaa Ziwaayii fi Qaalitiitti argamun hiikkamuu ijoollee isaanii kan eegaa turan tahuus odeeffannoon argame ni addeessa.


Obboleeyyan Muslimaa kunniin hawaasa muslimaatiif dhaamsa kan dabarfatan yoo tahu dhamsa isaanii

"Hawaasni muslimaa baga gammaddan nuun jechuu hin qabu, sababnis nuti muslimoota yakka tokkoon alatti namoota waliin hidhamne 60 oli jidduu muraasa qofatu hiikKame ammas namoonni irra caalaan hidhaa irratti argamu kanaafuu gammachuun keenya guutuu miti " jedhu.


Muslimoonni galmee kana jalatti himataman walumaagalatti 16 yoo tahan, isaan jidduu namoonni 3 muslimoota fulbaana darbe Mootummaan dhiifama isaanii godhe jechuun lakkise waliin jiru, isaanis


1.Mariyam Hayaatuu

2.Abdulmajiid Abdulkariim Muhammad

3.Toofiiq Muhammad Umar fi

4. Mubarek Khadiir Husseen yoo tahan, isaan wixataa fuuldura keenyaati ni lakkifamani jedhamee eeggamu immoo


1.Eeliyaas Khadiir Shekur

2.Faysal Aragaa Umar

3.Ismaa'iil Musxafaa Hassan

4.Redwaan Abdallah Ahmed

5.Anwar Sulxaan Ahmad

6.Abdulaziiz Fathuddiin Badruudiin

7.Ja'afar Dagaa Hassan

8.Faruuq Sa'iid Abdoo

9.Muhammad Alii Hassan

10.Muhammad Ayilayaan

11.Abubakar Salmaan Musaa fi

12. Mu'aaz Mudasiir Awwal kan jedhaman tahuu beekameera.


Comentários


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page