Kitaabni Seenaa Sahaabotaa irratti hundaa'uun qophaa'e maxxanfame.
- NuuralHudaa
- Dec 17, 2016
- 1 min read

Kitaabni kun Sheekh Tamaam Qaasim Muhammadiin ba kan barrefame yoo tahu kanaan duras kitaaba seenaa Ergamaa Rabbii ﷺ kan Afaan Arabaatiin qophaa'e Afaan Oromootti jijjiiruun haala gaafii fi deebiitiin maxxansanii turan. Ammas kitaaba haarawa Seenaa Sahaabota kurnan jannataa irratti Xiyyeeffatuun mata duree Sahaabtota kurnaan warra Jannataan gammachiifamani jechuun barreessanii kan maxxansan tahuu beekameera.
Sheekh Tamaam kitaabota kanniin ilaalchisee akkas jedha.
“Bara 2015 kitaaba kiyya kan jalqabaa Seenaa Ergamaa Rabbii irratti hundaa'uun qopheesse kitaabni kuma tokkoo ol maxxanfame hawaasa bira kan gahe yoo tahu, kitaabni kun immoo maxxanfamee hawaasa bira akka gahu gareen Sumayyootaa fi Bilaalotaa deeggarsa diinagdee fi yaada naaf godhaniiru, ammas haamilee saniin kaka'uudhaan kitaaba kiyya kan lammaffaa kanas qopheesse'' jedhu.
Kitaabni Seenaaa Sahaabtotaa Kurnanii kun Seenaa Abubakar,Umar,Usman, Aliyyi, Xalhaa, Zubeeyr, Abdurrahmaan Ibnii Awf, Sa'aadii fi Sa'iid irratti hundaa'uun qopheesse, Isaan hunda namoota Islaamummaa keessatti sadarkaa guddaa qaban waan taheef isaan irratti hundaa'uun qopheesse jedhu. Kanuuma irratti hundaa'uun ammas kitaabota birootis maxxansanii hawaasaan gahuuf karoora kan qaban tahuus dubbataniiru.
留言