top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Muslimoonni magaalaa Finfinnee fi Walqixxee irraa himatamanii hidhaa irratti argaman guyyaa boruu ma

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Dec 15, 2016
  • 1 min read


Muslimoonni kunniin galmee Eeliyaas Khadiir jalatti himatamuun abbaan alangaa ragaa dharaa eega irratti dhiheesseen booda manni murtii kangaarroo muslimoota 16 irratti hidhaa adabbii waggaa 7 dabarse.


Muslimoonni kunniin murtii Siyaasaa manni murtii aangawoota mootummaatiin hoogganamu isaan irratti dabarse kana mormuun mana murtii olaanaa Federaalaatti ol iyyannoo dhiheeffatanii turan, manni murtii olaanaa dhimma isaanii ilaalaa ture guyyaa boruu murtii dhumaa ni dabarsa jedhamee eeggama.


Akkuma kanaan dura godhamaa ture adeemsa murtii keessa aangawoonni mootummaa yoo harka keessa hin galfatiin Obboleeyyan muslimaa kunniin bilisaan lakkifamuu kan danda'an tahuu ibsameera.


Muslimoonni galmee kana jalatti himatamanii mana hidhaa Ziwaayiitti hidhamanii argaman adeemsa murtii pilaazmaan kan hordofan tahuu odeeffannoon ni addeeessa.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page