top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Mootummaan duula barattoota Muslimaa barnoota Idilee irraa fageessu geggeessaa jira

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Dec 15, 2016
  • 1 min read


Mootummaan akkuma kanaan dura barattoota muslimaa qajeelfama adda addaa baasuudhaan barnoota irra ari'aa ture, ammas seekulariziimii da'oo godhatuun qajeelfama barattoota muslimaa barnoota Idilee irraa fageessu kan baase tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Guyyaa lama dura Yuunivarsiitii Arbaa Minciitti qajeelfamni haala uffannaa fi waaqeffannaa barattoota Yuunivarsiitii jedhu kan maxxanfame tahuu maddeen nuuf gabaasaniiru. Qajeelfamni kun amantaa hundaaf jechuun kan maxxanfame tahus, guutumaan guututti kan barattoota muslimaa irratti xiyyeeffatu tahuu beekameera. Qabxiiwwan qajeelfama kana irratti ibsaman jidduu

1.Haala uffannaa amantaa kamiyyuu calanqisiisu kan akka Kooffiyyaa, Niqaaba fi mudawwara uffatanii aragamuun kan hin danda'amne tahuu,

2ffaa Moonaa Mana baruumsaa keessatti Jama'aan Salaatuun kan hin danda'amne tahuu,

3. Yeroo Sirni baruuf barsiisuu geggeeffamaa jirutti salaataaf bahuu fi kan birootis kan jiran yoo tahu, qabxiiwwan hunduu barattoota muslimaa irratti kan xiyyeefatanii fi barattoota Muslimaatiin amantaa keessan ykn immoo barnoota filadhaa jechuun duula sirnoonni mootummoota kanaan dura muslimoota ifatti barnoota Idilee irra fageessuuf godhaa turan amma immoo seekulariiziimii dahoo godhatuun geggeeffamaa jira.

Qajeelfamni kun Muddee 4/2009 irraa jalqabee hojii irra kan oolfamaa jiru tahuus odeeffannoon argame ni addeessa.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page