Itiyoophiyaan biyyoota gaazexeessitoonni itti hidhaman jidduu tokko tahuu ibsame.
- NuuralHudaa
- Dec 15, 2016
- 1 min read

Dhaabbanni mirga gaazexeessitootaaf falmu CPJ'n Itiyoophiyaan biyyoota mirgi gaazexessitootaa sarbuu fi hidhuun beekaman jidduu tokko tahu ibse. Dhaabbani kun biyyoota Afrikaa jidduu Itiyoophiyaan sadarkaa 3ffaa irratti kan argamtu tahuu beeksiseera.
Labsiin farra Shororkeessummaa jechuun labsame fi labsiin yeroo muddamaa mootummaan dhiheenya kana labse sababoota hidhan gaazexessitootaa akka hidhaman godhe tahuu odeeffannoon ni addeeessa.
CPJ'n biyyatti keessatti gaazexeessitoonni hedduun kan hidhaa irra jiranii fi ammas hidhan guyyaa irraa guyyatti dabalaa jiraatuu gabaaseera.
Dhabbatichi biyyoota gaazexeessitoonni itti hidhamuun beekaman sadarkaa isaanii waliin kan tareesse yoo tahu sadarkaa kana irratti hundaa’uun biyyoota Afrikaa keessa Misraan sadarkaa 1ffaa ,Eertiraan 2ffaa fi Itiyoophiyaan sadarkaa 3ffaa irratti kan argamtu tahuu odeeffannoon ni addeeessa.
留言