Muslimoota galmee Amaan Asaffaa jalatti himataman ol iyyannoon isaan mana murtii olaanatti dhiheeffa
- NuuralHudaa
- Dec 14, 2016
- 1 min read

Muslimoota kanniin irratti manni murtii himannaa dharaa isaan irratti dhiyaateef murtii badii dabarsee ture, muslimoonni kunniinis murtee ragaa ittisaa sanadaa fi nama 1500 ol tahu mana murtiif dhiheessanii turan, manni murtiis ragaa ittisaa isaanii kana kuffisuun muslimoota 24 irratti hidhaa waggaa 3 hanga 19 itti dabarsee ture.
Obboleeyyan muslimaa lama kan galmee kana jalatti himatamanii turan murtii isaan irratti darbe fixatanii kan bahanii turan yoo tahu, yeroo ammaatti muslimoota hidhaa irratti argaman wajjiin tahuun murtiin nu irratti darbe sirrii miti nuti gaafii mirgaati kan gaaffanne jechuun ol iyyannoo mana murtii olaanatti dhiheeffatuun , ol iyyannoon isaanii fudhatama argatuu odeeffannoo ni addeessa.
Muslimoonni galmee kana jalatti himatamanii fi Murtii isaan irratti darbe.
1.Ustaaz Amaan Asaffaa( Hidhaa waggaa 13)
2.Gaazexessaa Salamoon Kabbadaa ( waggaa 3)
3.Abdulfataah Shariif (Waggaa 10)
4.Muftii Muhammad (waggaa 10)
5.Anwaar Aadam(waggaa 13)
6.Ibraahiim Abduu( waggaa 7)
7.Ahmad Mamoo ( Waggaa 7)
8.Muhammad Abdulqaadir (waggaa 6)
9. Salahaddiin Sa'iid (waggaa 4)
10.Husseen Roobaa(waggaa 6)
11.Abdurazaq Shekh Ahmad ( waggaa13)
12.Nuraadiin Muhammad (waggaa 7)
13.Sheekh Muhammadnuur Abdallaah (waggaa 7) akkasumas muslimoonni 11 bakka isaan hin jiretti adabbiin waggaa 19 itti dabarfamee ture.
Muslimoonni kunniin murtiin nu irratti darbee fi himannaan nu irratti dhiyaate seeraan ala jechuun oliyyannoo dhiheeffatanii Amajjii 18/2009f beellamamaniiru.
Comments