Hidhaa fi Dararaan naannoo Oromiyaatti cimee itti fufeera.
- NuuralHudaa
- Dec 14, 2016
- 1 min read

Godina Jimmaa Magaalaa Asaandabootti waraanni mootummaa dargaggoota hedduu ukkaamsuun kan hidhee fi ammas hidhuuf kan adamsaa jiru tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Dargaggoonni yeroo ammaa kana hidhaa jalaa miliqee gara biyya ollaatti baqate tokko akka jedhutti
“Eega guyyaa Irreechaatii booda magaalaa Asaandabootti hiriirri mormii cimaan kan geggeeffamee ture yoo tahu, guyyaa san booda waraanni mootummaa magaalaa keessaa dargaggoota hedduu hidhuun hanga ammaatti dararamaa jiru. Waraanni mootummaa dargaggoota kanniin mana hidhaa keessatti gocha Sukkaneessaa irratti raawwatuun namoota isaan waliin jiran baasaa jechuun dirqisiisaa akk jiru mana hidhaa irraa dhaamsa naaf erganii anis biyya gad lakkiisee bahe, torbee dabre keessa immoo dargaggoonni hedduun humnoota waraanaatiin ukkaamfamaniiru, ammas namoonni hedduun magaalaa Asandaabootii baqatanii iddoo adda addaatti argamu “jechuun nuuf hime.
Waraanni mootummaa dargaggoota qabaman kanniin tumaa fi gocha suukaneessaa irratti raawwatuun himsiisaa waan jiruuf dargaggoonni magaalaa Asandaaaboo of eeggannoo akka gootan dhaamsa naaf dabarsaa jedha.
Comments