Obboleeyyan Muslimaa magaalaa Finfinnee fi Jimma irraa ukkaamfaman ammas Muddee 12 beellamaman.
- NuuralHudaa
- Dec 13, 2016
- 1 min read

Muslimoonni kunniin magaalaa Finfinnee fi Jimmaa irraa waraana mootummaan ukkaamfamanii eea hidhamanii booda, himannaa isaan irratti dhiyaateef manni murtii aangawoota Siyaasaatiin hoogganamu murtii badii irratti dabarsuun guyyaa har'aati beellame. Guyyaa har'aatis adabbii isaan irratti kennamu dhaga'uuf mana murtii dhiyaatuu maddeen gabaasaniiru.
Oolmaa mana murtii guyyaa hardhaatis manni murtii akkuma baratame Obboleeyyan muslimaa kanniin beellamuu beekameera.
Guyyaa hardhaatis manni murtii kun sababa quubsaa hin tahin dhiyeessuun murtii hojjannee hin xumurre jechuun Muddee 12/2009 kan beellame tahu odeeffannoon argame ni addeessa.
Komentáře