top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Muslimoonni galmee Ahmed Idiriis jalatti himataman guyyaa boruu mana murtii  ni dhiyaatu jedhamee ee

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Dec 13, 2016
  • 1 min read


Muslimoonni kunniin magaalaa Dasee irraa waggaa 3 dura yakka dharaa Sheekh Nuuruu Yimaam ajjeestanii jirtu fi mootummaa Islaamaa biyyatti keessatti hundeessuuf yaalii gootanii jirtu jedhuun himatamanii waggaa 3 ol kan dararamaa jiran yoo tahu, Abbaan Alangaa ragoota dharaa irratti dhiheessuun manni murtii hooggantoota Siyaasaan hoogganamus ragoota Abbaa Alangaa kana fudhatuun murtii badii irratti dabarsee ragaa ittisaa akka dhiheeffatan ajaje.


Muslimoonni kunniinis koree furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa hidhaa irratti argamanii fi kan dhiheenya hiikkaman waliin himannaa walumaagalatti ragoota ittisaa 90 ol mana murtiif dhiheessuun, manni murtiis murtii dhumaa dabarsuuf guyyaa boruutti beellame.


Obboleeyyan Muslimaa lama kan galmee kana jalatti himatamanii argaman Umar Hassanii fi Ismaa'il Hassaan ibidda mana hidhaa Qilinxootti ka’ee nutu kaase jechuun amanuu qabdu jedhamanii eega akka malee tumanii ammas himannaa haarawa kan itti banan tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Muslimoonni kunniin guyyaa boruu mana murtii dhiyaatuun murtii Siyaasaa isaan irratti darbu ni dhageeffatu jedhamee eeggama.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page