Waraanni mootummaa ajjeechaa ummata Oromoo irratti raawwatuu cimsee itti fufeera.
- NuuralHudaa
- Dec 9, 2016
- 1 min read

Guyyaa kaleessaa godina Baalee aanaa Rayituu iddoo Hara gurraacha jedhamu kan mootummaa naannoo Sumaaleetiin waldaangessutti waraanni mootummaa naannoo Sumaalee kan Liyyuu Haylooch jedhamu nama Oromoo 3 ajjeesuu odeeffannoon argame ni addeessa. Akkasumas torbee dabre muddee 1/2016 nama daangaa kana irra taa’uun daangaa kana eegaa ture Muhammad Mallimaa nama jedhamu waraanni mootummaa Sumaalee kun kan ajjeese yoo tahu, guyyaa san irraa kaasee waraanni mootummaa naannoo Sumaalee kun daangaa Oromiyaa seenuun ummata Oromoo dararaa jiraatuu maddeen gabaasaniiru.
Mootummaan Itiyoophiyaa waraana naannoo Sumaalee akka meeshaatti fayyaadamuun ummata Oromoo fi Sumaalee jiddutti fincila kaasuun ummata walficisiisuuf shira kana raawwata jiraatuu beekameera.
Comments