top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Muslimoonni galmee Eeliyaas Khadiir jalatti himataman ammas muddee 7/2009 beellamaman.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Dec 9, 2016
  • 1 min read

Manni murtii aangaawoota mootummaatiin hoogganamu Obboleeyyan muslimaa galmee kana jalatti himataman irratti adabbii waggaa 7 dabarsuun ni yaadatama. Muslimoonni kunniinis murtii isaan irratti darbeef ol iyyannoo gaafatuun manni murtii Federaalaatis ol iyyannoo isaanii irratti murtii dhumaa kennuuf guyyaa hardhaatti kan beellamamanii mana murtii dhiyaatuu isaanii odeeffannoon argame ni addeessa.

Himannaa dharaa Abbaan Alangaa muslimoota kanniin irratti dhiheesse irratti hundaa’uun manni murtii angaawota mootummaatiin hoogganamu adabbii waggaa 7 irratti dabarse, Abukaatoo himatamtootaa kan taate aaddee Adis Muhammad himannaan irratti dhiyaate kan seeraan alaa fi ragaan isaan irratti dhiyaate guutumaan guututti kan fudhatama hin qabne tahuu mana murtiif dhiheessuun manni murtii adabbii isaan irratti murteesse kaasuun bilisaan lakkisuu qaba jechuun falmii cimaa Abbaa Aalangaa waliin gootee turte.

Abbaan Alaangaatis gama isaatiin falmii Abukaatoo himatamtootaa mormuun akka adabaman mana murtii gaafate.

Manni murtiis falmii Abbaa Alangaa fi Abukaatoo himatamtootaa jiddutti godhame eegaa ilaalee booda murtii dhumaa dabarsuuf sadaasa 21 beellamee ture, beellama sadaasa 21 irrattis Abbootiin seeraa dhimma kana qorannee hin xumurre jechuun guyyaa hardhaa sadaasa 30 beellamee ture, Guyyaa hardhaatis sababa walfakkaatu dhiyeessuun Muddee 7/2009 kan beellame tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.

Namoota galmee kana jalatti himataman jidduu Obboleettii teenya Mareemaa Hayaatuu waliin muslimoota 4 mootummaan dhiifama isaanii godhe jechuun ji'a fulbaanaa keessa lakkisuun ni yadaatama.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page