Muslimoonni magaalaa Finfinnee fi Walqixxee irraa hidhaman guyyaa boruu mana murtii ni dhiyaatu jedh
- NuuralHudaa
- Dec 8, 2016
- 1 min read

Abbaan Alangaa Federaalaa himannaa dharaa muslimoota kana irratti banuun miseensota fi deeggartoota mootummaa akka ragaatti eegaa irratti dhiheessee booda muslimoota kana irratti manni murtii aangawoota mootummaatiin hoogganamu murtii badii dabarse, muslimoonni kunniinis murtii dabreef ragaa ittisaa dhiheeffatanis ragaa isaanii kuffisuun adabbii waggaa 7 itti dabarsuun ni yaadatama.
Muslimoonni kunniin galmee Eeliyaas Khadiir jalatti himatamuun yeroo dheeraaf kan dararamaa jiran yoo tahu, ol iyyannoo murtii isaanii irratti darbeef mana murtii olaanaa Lidaataatti dhiheeffatanii turan, guyyaa boruu manni murtii ol iyyannoo isaanii kana irratti murtii dhumaa kennuuf beellamee ture.
Muslimoonni kunniinis guyyaa boruu beellama isaanii irratti hundaa’uun mana murtii ni dhiyaatu jedhamee eeggama.
Comentarios