top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Muslimoota galmee Khadiir Muhaammad jalatti himataman irratti murtiin kenname

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Dec 6, 2016
  • 1 min read


Muslimoonni galmee kana jalatti himataman walumaagalatti 19 gaazexeessaa Darseema Sorii fi Khaalid Muhammad asuma jalaatti himatamanii argamu, humnaan isaan irratti dhiyaate koree furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa humnaan hiiksisuu fi mootummaa Islaamaa biyyatti keessatti hundeessuuf kan jedhu yoo tahu, muslimoota kana irratti himannaa isaan irratti dhiyaateef manni murtii guyyaa hardhaa murtii badii dabarsuun ammas muddee 4 kan beellame tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Oolmaa mana murtii kan guyyaa hardhaatti Abbaan seeraa duraan dhimma isaanii ilaalaa turte jijjiiraamuun kan biroo kan ramadaman yoo tahu, sababnis Abbaan Seeraa duraan dhimma isaanii ilaalaa turte himannaa isaanii sirritti waan hordofaa turteef qondaaltonni mootummaa abbootii seeraa haarawa ramaduun murtii badii akka dabarsan godhaniiru.


Himatamtoota galmee kana jalatti himataman hunda irratti murtii badii dabarsuun Ammajjii 4/2009 ragaa ittisaa akka dhiheeffatan beellamamaniiru.


Gaazexeessitoonni miidiyaalee muslimaa Bilal Tube fi Afrikaa Tv kan tahan gaazexeessaa Darseema Sorii fi Khaliid Muhammad namoota guyyaa hardhaa murtiin badii itti kenname jidduu yoo tahan, hawaasni muslimaa lakkoofsaan hedduu ta'e dhaddacha hordofuuf kan argame tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page