Manni Murtii Mootummaa muslimoota dharaan himataman irratti murtee siyaasaa dabarsuu cimsee itti fuf
- NuuralHudaa
- Dec 6, 2016
- 1 min read

Muslimoota Magaalaa Finfinnee naannawa adda addaa irraa waggaa tokko ol hidhamuun galmee Nabiyyuu Siraaj jalatti himataman irratti guyyaa hardhaa sadaasa 27/2009 manni murtii aangawoota mootummaatiin hoogganamu murtii badii dabarsuu beekameera.
Manni murtii himannaa dharaa Abbaan Alangaa dhiheesse irratti hundaa’uun muslimoota galmee kana jalatti himataman 7 irratti murtii badii dabarsuun, badii isaaniif akka ragaa ittisaa dhiheeffatan murteesse. Muslimoonni kunis biyya olaantummaan seeraa hin jiretti ragaa ittisaa dhiheeffatuun bu'aa hin qabu jechuun mana murtiichaaf deebisaa kennaniiru.
Muslimoonni galmee kana jalatti himataman walumaagalatti 7 yoo tahan isaanis
1. Nabiyyuu Siraaj
2. Sefaa Bedewii
3. Muhammad Sa'iid
4. Salahaddiin Khadiir
5. Mujiib Aadam
6. Khadiir Tadalaa fi
7. Ahmad Umar yoo tahan, manni murtii himannaa Shororkeessummaa isaan irratti dhiyaateef adabbii dabarsuuf Ammajjii 24/2009 kan beellame tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Guyyaa hardhaa walumaagalatti manni murtii aangawwoota Siyaasaatiin hoogganamu muslimoota himannaa dharaatiin himataman 26 irratti murtii dabarsee jira
Comments