Balaa hoongee naannolee Shanitti uumameef deeggarsi hatantamaa kan barbaachisu tahuu ibsame.
- NuuralHudaa
- Dec 6, 2016
- 1 min read

Gamtaan Mootummoota Addunyaa (UN) hoongee Itiyoophiyaa mudateef naannoowwan 5 deeggarsa hatantamaa argatu qabu jechuun guyyaa kaleessaa ibsa baase.
Ibsa kana irratti hanga ammaatti beeyladoonni hedduun sababa hongee kanaan dhumaa jiraatuu fi naannoowwan kunis Kibba Oromiyaa, kibba Oomoo naannawa Sagaanii, Gamoo gofaa fi naannoon Sumaalee balaa hoongee kanaan kan miidhamaa jiran yoo tahu, deeggarsi hatantamaa akka godhamuu qabu ibsameera.
Dhaabbatichi balaan hoongee kun daran babal’ataa jiraatuufi haaluma kanaan kan itti fufu yoo tahe ji'a 6 booda godinaalee naannoo Oromiyaa fi godinaalee naannoo saba fi sablamoota kibbaatti kan babal’atu tahuus eerameera.
Dhumaatii Beeyladoota mana qofa hirdhisuuf doolaara miliyoona 27 ol kan barbaachisu yoo tahu, dhaabbileen miti mootummaa adda addaa deeggarsa barbaachisu godhuuf qorannoo geeggeessaa jiraatuu akkasumas balaan hoongee waggaa tokko dura naannolee 6t uumamee ture odoo furmaata hin argatiin akka haarawaatti ammas uumamuun yaaddeessaadha jedhameera.
Yeroo ammaatti lammiiwwan miliyoona 9.7 kan deeggarsa nyaataa barbaadaan yoo tahu, ji’a 6 booda kan haalaan dabaluu danda’u tahuus dhabileen gargaarsa addunyaa yaadachiisa jiru.
Dhaabbileen mirga ilmaan namaaf dhaabbannee jedhan gama isaaniitiin osoo yeroo dheeraa hin fudhatin deeggarsi hatantamaa akka godhamu waamicha godhaniiru.
Commenti