top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Yuunivarsiitii Wallootti barattoonni muslimaa dararamaa jiru.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Dec 5, 2016
  • 1 min read

Hooggantoonni Majliisa naannoo Amaaraa amantaa Ahbaash naannicha keessatti babaldhisuuf duula cimaa geggeessaa jiraatuu odeeffannoon argame ni addeessa. Kanumaan walqabatee barattoota Muslimaa Yuunivarsitii Wallootti baratan isin Wahabiyya jechuun kan hiisisan tahuun beekameera.


Masjiida barattoonni Yuunivarsitichaa itti tajaajilamaa turan hooggantoonni majliisa seeraan alaa kamisa dabre imaama duraanii kaasuun Imaama Ahbaash bakka buusan, yeroo kanatti barattoonni imaama Ahbaash duubaan hin salaannu jechuun didan. Sababa kanaan barattoonni hedduun hidhamuu odeeffannoon ni addeessa.


Jimaata dabre barattoonni imaama Ahbaash kana duubaan sababa hin salaannu jedhaniif hidhaman 9 yoo tahan guyyaa lammataatis barattoonni 3 hidhamuu maddeen gabaasaniiru.


Warri Ahbaash kun ammas moonaa Yuunivarsitichaa keessa waraana mootummaa wajjiin tahanii doormii irra deemuun barattoonni kitaaba Wahabiyyootaa qabu jechuun kan hidhaa jiran ta’uu beekameera.


Barattoonni hanga ammaatti hidhaman 12 yoo tahan yeroo amma kana mana hidhaa Amisteenyaa jedhamu kan jiran tahuu beekameera.


Comentarios


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page